Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

110 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Wal ga’ii 12 Injifachuu fi madaqsuu 1

Barreeffama kana keessatti gatii barbaacissummaa of eeggannoon, yaadaa fi kadhannaan karoorsuu hubachuuf wanta/yaada baay’een dhiyaateera. Namni waan karoorfate kamiyyuu ragaa bahuu danda’u, hanga hin taaneetti karoorri gudda dha. Waldaa kiristaanaa dhaabuu keessatti haala gammachuu nama ajaa’ibu tokko tokko cina, qormaata, gufuulee fi wanttota nama danqan hin eegamne hedduu karoora keessa sirreeffachuu(adjust) kan isin gaafatan akka isin mudatan in hubanna. Naamusa ijoo warra waldaa dhaabuu fi gareewwan isaanii hundaaf ta’u, akka haala jiruutti jijjiiramu dha (flexibility). Gara fuulduraatti yommuu tarkaanfattan karoora keessan madaqsuun akka isin barbaachisu beekna. Gareen keessan fedhii madaqsuutiin socho’uu fi mul’ata Gooftaan isiniif kenne yommuu raawwattan sirreeffama adeemsaa hedduu gochuu qaba. Gareen keessan akka daandii fuuldura keessan jiruuf qophaa’uf gargaaruuf yaadni armaan gadii dhiyaateera. Akkaataa gareen keessan rakkoolee isa mudatuuf deebii kennun fi madaqsu, milkaa’ina keessan murteessa. Mo’achuuf madaqsuuf, wantota madaqsuu dhugaa ( axioms of adaptation ) ta’an hubachuu qabna: I. Rakkoon waan hin oolle: Wantoonni/Haalonni in jeeqamu. Biyyi lafaa kun biyya lafaa kufte yommuuu taatu, cunqursaa, haleellaa fi mormmii seexanaa jala jirtti.

1 Seminar Luba. Dr. Don L. Deevis Ripe for Harvest keeessaa , fuula . 443-449 irra kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator