Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 111

A. Waldaa dhaabuun keessan hundi yaada diinaa duuba kan raawwatamudha. 1. Biyyi lafaa diina waamichaa fi ergama keessan irraa yaada keessan jeequuf karaa alaa dhufu dha, , 1 Yoh. 2:15-17. 2. Foon keessan yaada fi waadaa keessan isa gaarii bal’eessuuf gantuu isin keessa jiru dha/keessaan dhufu dha., Gal. 5:16-24. 3. Seexanni waaqa biyya lafaa kanaati, waan isin Kiristoosiif gochuu barbaaddu hundumaa himachuu( acuse ), qoruu fi jal’isu dha, Ef. 6:10-12. B. Rakkoon isin mudatu dachaa, kan wal irraa hin cinne, kan sammuu namaa hadoochu fi kan nama dadhabsiisu ta’a (Yoha. 15:18-21; Yaaq. 1:2-3; 1Phex. 1:6-7; 5:8-9). C. Wantoota tajaajila waldaa dhaabuu bu’a qabeessa ta’e keessatti raawwataman: 1. Hojjetoota xiqqaa fi karoora gadi aanaa qabaattanii hojjechuuf dirqamtu. 2. Hojiin bakka bu’ummaan akka kan hojetamu yoo ta’uu baate isin harkkatti bada 3. Miseenssonni garee amanamanii addaan kutu ykn in falmu/lolu 4. Karoorri kee guutummaatti karaa hin yaadamnne deemaa. 5. Mi’aa/meeshaa hojii irratti isin barbaachisantu hir’ata/ hanqata 6. Meeshaa dul’oomaa isin qabdan hojii dhaaba.

Made with FlippingBook Ebook Creator