Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Gilgaala Garee: Hundaa Walitti Fiduu • 125
Ibsa Waldaa (Tokko ykn hunda ilaali): ☐ Xiqqoo (Mana) Waldaa [yoo baay’ate hanga 20-50] ☒ Waldaa Hawaasaa [yoo baay’ate hangaa 50-150] ☐ Wiirtuu (guddoo/haadha) Waldaa [200+]
Galmoota Ijoo Ji’oota 12 dhufaniif :
• Sagantaa walgahii Garee idilee hanga Ebla 1tti gochuu/diriirsuu • Odeeffannoo waa’ee uummata naannoo hanga Ebla 15tti xumuruu • Dhaabbilee tajaajila hawaasaa naannoo sana jiran hanga Caamsaa 1tti qoradhu/ research • Hanga Caamsaa 15tti dhaabbilee tajaajila naannoo daawwadhaa • HangaWaxabajjiii 1tti, waldoota hawaasa keessa jiran biroo qorachuu • Taateewwan walta’iinsaa waldaa paastaroota hawaasa keessa jiranii wajjin hanga Waxabajjii 15tti qoradhu • Qorannoon naannoo hanga Adoolessa1tti gaggeessuu • Miseensota garee ta’uu danda’aniif meeshaalee waldaa adeemsa irra jirtuuf hanga Adoolessa 15tti uumuu. • Walgahii fedhii 1ffaa miseensota garee fi keessummoota ta’uu danda’an wajjin hanga Hagayya 1tti , gaggeessuu • Addemsuma irrattii miseensota garee haaraa ta’an hanga Hagayya 15tti leenjisuu • Hanga Fulbaana 1tti waltajjiiwwan 3 miidiyaa hawaasaa toora interneetii irratti argamuuf qopheessuu • Piroofaayilii miseensa waldaa (miseensa waldaa isa gaarii) hanga Fulbaana 15tti uumuu • Meeshaalee beeksisa waldaa fi meeshaalee daree miseensummaa hanga Onkoloolessa 1tti uumuu • sagantaa tajaajila hawaasaa “ayyaana Birraa” (fall Festival) wangeelaa hanga Onkoloolessa 31tti gaggeessuu. • Quunnamtii “kaardii siif kadhachaa jirra” jedhmee qoophaa’een hanga Adoolessa 15tti hordofaa • Walgahii fedhii 2ffaa miseensota garee fi keessummoota ta’uu danda’an waliin hanga Muddee 1 tti gaggeessuu • Muddee 15, adeemsuma irratti miseensota garee haaraa leenjisaa • Hanga Guraandhala 15tti bakka walgahii murteessuu fi mirkaneessuu • Garee waaqeffannaa fi sagantaa lallabaa haga Guraandhala 1tti murteessuu • Ji’oota ja’an jalqabaaf waaqeffannaa fi lallaba walduraa duubaan haga Guraandhala 15tti qopheessuu • Tarsiimoo hordoffii taateewwanii fi keessummootaaf ta’u irratti hanga Amajjii 1tti murteessuu
Made with FlippingBook Ebook Creator