Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 15

Wal ga’ii 1 Adeemsa keessan fakkiin qopheeffachuu Luba, Teed Ismiiz

Gareen keessan qajeelfama DHAABUU mana barumsaa Macaafa Qulqulluu ilaalcha haalaa hawaasaa wladaan keessan tajaajiluun calalun/dhimbiibuun barbaachisaa dha. I. Haala Keessa Jirtan Murteessaa. Tokkoon tokkoon garee Gooftaan waamu waldaadhaaf mul’ata adda ta’e kan qabaatu yommuu ta’u, carraaqqii/ tattaaffii waldaa dhaabuu karaa adda addaan hojii irra oolchuu.Akka aadaa keessaniitti waldaa dhaabuus ta’e waldaa qaxxaamuraa aadaa dhaabuu yoo ta’e, qajeelfama Wangeelaa keessatti dhiyaateen odeeffannoo argachuudhaan adeemsa addaa mataa keessanii fakkiin/chaartii qopheeffachuu qabdu . Wal-ga’iin, gaaffiiwwanii fi gilgaalli garee gareen keessan dhimmoota haala dhaabbii waldaa addaa keessanii wajjin wal-qabatan akka ilaalu dhiheessu. Yeroo baay’ee gaafileee gilgaalaa tokkoon tokko gareen xuqaman gargaaramuudhaan, faayidaa guddaa barreeffama fi yeroo garee keetii irraa argachuuf, dhimmoota hawaasaa bakka itti DHAABUU irratti yaada kennuudhaan dabarsuu qabda. II. Mul’ata keessan Murteessaa. Tattaaffii keessan keessatti guddachuuf, warri waldaa dhaaban mul’ata ti’ooloojii ifa ta’e fudhachuu fi fakkeenya /moodeelota fi ibsa waldaa sirrii, aadaa hawaasa keessa jiranii kan eeggatan filachuu qabu. Namoonni jaalala Kiristoosiif deebii akka kennan fi Mootummaa Kiristoos bakka jiraataniifi hojjetan keessatti akka bakka bu’anif, karaa bu’a qabeessa ta’een wangeela lallabuuf,

Made with FlippingBook Ebook Creator