Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 27

III. Miidhaa fi Du’aan Nama Dhabuu irra Fayyuu. A. Waaqayyoo fi namoota biroo wajjin miidhama keessan keessa darbuuf yeroo ga’aa fudhadhaa. Adeemsa tajaajiluu keessatti yeroo hojii itti aanutti akka salphaatti ce’uuf qorumsi in jiraata. Haalawwanii fi muuxannoowwan rakkisoo ta’an keesa darbuu fi gadduuf yeroo fudhachuu keessan mirkaneefadha. (2Qor. 7:6-7; Isa. 38:14; Room. 12:15). B. Namoota amanamoo ta’anii fi fayyaa keessaniif baay’ee dhimmamaniin of marsaatii kophaa ta’uu irraa fagaadhaa. Kophaa ta’uun miidhaa keenyaaf deebii beekamaa nu’i kenninu dha. Garuu immoo amalaa fi tajaajila sirrii hin taanetti nu geessa. Kophaa keenya jiraachuun/ta’uun, hubannaa sirrii hin taane, nu’i miidhaa keenyatti koophaa keenyaa fi kan nu hubatus hin jiru, yaada jedhu nutti hora (1Mootota 19:9-18; 2Qor. 1:3-11). C. Waamicha keessan hubadhaa rakkinni waanuma jiru ta’uu isaa dhugaa jiru taa’uu isaa fudhadhaa. Hubannaan waamichaa fi kaayyoon tajaajillii rakkisaa ta’uu isaa fi dhugaa jiru akka simannu nu dandeessisa. Hubannaan waamichaa haala yeroo irra darbinee akka ilaalluu fi dorggommii keenya akka gaariitti fiiguu akka dandeenyu nu taasisa (2Tas. 1:11; Ibr. 12:1-3).

Made with FlippingBook Ebook Creator