Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
26 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
C. Yeroo tajaajiltu, jireenyaa fi tajaajila keessatti namoota si dursan barbaadiiiti akka isaan si barsiisanii fi si tiksan eyyamiif. Hogganaan kam iyyuu nama tokkoon/namoota biroon nama gorfamuu fi tikfamu ta’uu qaba (Maat.10; Tiitoos 2:1-8; 2Xim. 1:1-8). Waldaa dhaabuuf nama rakkoo simudatu hubatu fi nama si wajjin adeemu argachuuf, nama karaa sitti agarsiisu fi si tiksu yoo barbaadde, Leenjisaan Dirree Wangeelaa kee (Evangel Field Coach) nama fedhii addaa fi haala kee wajjin wal simuu danda’u argachuuf si gargaaruu danda’a. D. Maatii keessan tiksuu, tajaajila keessan isa jalqabaa godhaa. Maatii keessaniif irraa yeroo keessanii hin kenninaa tajaajila keessanittis akka gufuu ta’ettis (maatii barbaachisu gochuuf/gutuuf kan argamtani fi qophaa’aa ta’aa (1Xim. 3:2-5, 12; Fak. 3:1-8; Efe. 6:4; Qol. 3:18-21). E. Akkaataa itti tibba/yeroo boqonnaa qabaattaniif guyyyaa sanbataa dabarsitan guddifadhaa. Yeroo itti yaaddanii boqottan fi kadhattan qabaadhaa. Sana boodas hojii tajaajilaa irratti deebi’atii bobbaa’a. Hojii keenya irraa boqonnaa fudhaannee erga deebinee booda, Waaqayyoon amanachuudhaan, garaa/yaadaa fi sammuu keenyas gara isaatti deebifnee qajeelchina (Uma. 2:1-3; Lal. 3:1-8; Ibr. 4:6-10; Maar. 6:40-47). F. Ija/firii akka godhataniif muka wayinii sanatti maxxanaa turaa. Kadhannaa fi Macaafa Qulqulluu dubbifachuu yoo dhiifnnee, qodaa/xoofoo duwwaa keessaa tajaajiluu jalqabna jechuu dha. Irraa hafaa Waaqayyoo laphee/garaa keenay keessatti raawwate irraa kaanee namoota biroo tajaajiluu qabna (Far. 1:1-4; Yoh. 15:1-5). keessan) hin ilaalinaa. Jireenya maatii keessanitti gammaduu fi jireenya isaanii kessatti wanta isaan
Made with FlippingBook Ebook Creator