Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 25

jijjiirratee fayyinaaf gara Waaqayyootti deebi’e (Far. 18:1-6; 51:7-12; 2Sam. 15:18-23). C. Yeroo baay’eee Yesus boqonnaa fi kadhachuuf baay’ina namootaa keessaa adda of baasee qofaa isa ta’a ture. Fakkeenyota inni sooma, kadhachuu fi qofaa isaa ta’aa ture in argina. Fannifamuun isaa yeroo dhihaatu kadhannaa keessatti yeroo dabarsee duuka buutonni isaa ba’aa isaa akka qooddatani fi isa gargaaran gaafate. Ija/firii godhachuuf Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuun barbaachisaa ta’uu isaa fakkeenyaan ibseera (Maat. 14:13; Luq. 22:39-46; Maat. 4:1; Yoh. 15:1-4). D. Phaawulos takumaa namoota biroo irraa adda bahee tajaajilee hin beeku, yeroo hundumaa namoota wajjin hojetu qaba ture. Yeroo yeroo baay’eee rakkinaa keessatti deggersa argachuuf Waaqayyoo fi namoota kaan irratti hirkatee rakkina dandamachaa ture. Hojii tajaajilaa raawwachuuf ayyaanaa fi hojii Hafuuraa irratti hirkatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa gadi fageenyaan hubateera (2Qor. 1:8-11; Hojii Ergamootaa 16:1-5). II. Sirna Damdamachuu Jajjabeessu Guddisuu A. Jijjiirama yaadaa/garaa fi hawaasaaf Hafuura Qulqulluu irratti hirkadhaa. Sanyii facaasaa/dhaabaa garuu guddina isaaf Waaqayyoon amanadhaa. Amanamummaan tajaajilla, garuu ija/firii hojii keenyaa Waaqayyootti imaanaa kennina (1Qor. 3:5-9; 1Qor. 2:1-5) B. Irra deddeebi’aatii bakka buusaa. Hojii barsiisuu fi tiksuu irratti akka xiyyeeffattuf, namooonni biroon itti gaafatamummaa geggeessuu akka qooddataniif, leenjisaatii hogganttumma itti kennaa. (Hojii Ergamootaa 6:1-4, Efe 4:11-13).

Made with FlippingBook Ebook Creator