Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

24 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Wal ga’ii 3 Rakkoo dandamatanii keessa darbuu

guddifachuu Luba, Jordaan Kiing

Dandeettiin dandamachuu paastaroonni fi geggeessitoonni amala ykn kennaa dhalootaan argatan miti. Garuu, fedhii hafuuraa fi miiraa keenya guuttachuuf dandamachuun kan guddatu, muuxannoo, miidhamuu fi Waaqayyoo fi namoota biroo irratti hirkachuudhaan malee. Hogganaan kam iyyuu dandeettii qormaata tajaajila waliin dhufu dandamachuu fi irraa dandamachuu horachuu/guddifachuutu irraa eegama. Tajaajila fi maatii keessaniif akkaataa fayya qabeessa ta’e guddissuun dandamachuu guddissuuf fi yaadaan baay’ee dadhabuu irraa of ittisuuf furmaata. Sababiin isaas “Garmalee dadhabuun hunda keenya sodaattu taasisa.” 1 A. Museen hojii garmalee hojjechuu irraa kan ka’e waan dadhabeef hoggansa dabarsee kennuu fi jireenya isaa keessatti deeggarsa namoota amanamoo ta’an irratti hirkatuu barachuu qaba ture. Ummata mata jabeessa fi rakkisaa geggeessuun qormaata itti ta’e iyyuu, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa isa haaromsu qaba ture (Bau. 18:13-23; 17:8-13). B. Daawit haqa malee Saa’ol mootichaan adamfame iyyuu utuma mormiin jiraatuu Waaqayyoon amanachuu itti fufe. Ilmi isaa isa ajjeesuuf yaalii godhe hiriyyoota isaa irratt hirkachu fi lubbuu isaa Waaqayyootti imaanaa kennate. Yeroo Waaqayyo irratti cubbuu hojjete qalbii I. Akkaataa Macaafa Qulqulluutti, Hoggantoota Dandamatoo ta’an.

1 Caqasni kun, Viinsi Loombaardiin kan kennamedha.

Made with FlippingBook Ebook Creator