Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 23

Guutummaa Macaafa Qulqullaa’oo keessatti fakkeenya baay’ee Gooftaan namoota namoota biroo wajjin walitti fidu in argina. Museen Aaroniin qaba ture, Daawit Yonaataan qaba ture, Eliyaas Elsaa’in qaba ture, Phaawuloos Barnaabaas, Siilaasii fi kanneen biroo qaba ture. Gooftaa fi Fayyisaan keenya Yesus illee duuka buutota isaa kudha lamaan walitti waame. qofa qofa isaanii dhiibbaa fidan/qaban caalaa, waliin ta’uun dhiibbaa isaan fidan baay’ee guddaa ture. Akka gareen waldaa dhaabuu tokko misiraachoo waa’ee Yesus labsuuf barbaadu, dhugaa ba’umsi keenya qabatamaan jaalala waliif qabnuun addunyaatti agarsiifama. Hawaasa amantootaa hundeessuu dura jalqaba hawaasa amantootaa ta’uu jechuun maal akka ta’e fakkeenya qabtamaan agarsiisuu qabdu. Kun garee guddachaa jiru ta’uu danda’a, miseensonni haaraan gareetti yommuu dabalaman kaan immoo itti fufuu danda’u. Akkuma Phaawuloos deemsa isaa adda addaa keessatti godhe, furmaati isaa garee Gooftaan amma(haala amma keessa jirtu) wajjin achi ta’uudhaan siif wajjin hojjechu dha. 2 “Gareen waldaa dhaabuu Waaqayyo yeroo garee akka qajeelfama tajaajila jalqabaatti hundeesse waan hojjetu akka beeku amanuu qaba. Akka gareetti waliin ta’uun yaada gaarii dha, yaada Waaqayyooti. Akka kanaan yeroon rakkisaan yeroo dhufu hoggantoonni garee tokkummaa garee isaaniif in falmu, in mirkaneessu, garee isaaniis in jaallatu. Garaan isaanii, Waaqayyo akka duraan mirkaneesse/murteesse wanta amaneef.” 3

2 “Miseensota Garee Phaawuloos: Hiriyyoota, Hojjetootaa fi Hojjetoota Waliin Hojjetoota”. The Timothy Conference Workbook , fuula . 129. ilaali 3 The Timothy Conference Workbook , p. 65.

Made with FlippingBook Ebook Creator