Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
22 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
mataa jara lamaan irra kaa’anii, hojichaaf isaan ergan. Hojii Ergamootaa 13:1-3 Isaan kun amala addaa gareewwan waldaa dhaabaniit. Gareen baay’een kaayyoo fi galma adda addaa irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, gareen waldaa dhab garuu Kiritos giddu galeessa godhatee hojii namoota duuka buutota Yesus gochuu irratti kan xiyyeeffate dha. Namni hundinuu hojii kana irratti kan hirmaatu utuu hin taane, warra waldaa guddittii irraa hayyamamee fi fedhii/garaa ergamuun warraqabaniif abboommii Yesus abboome hundumaa akka raawwataniif barsiisuuf bobbaa’an malee. Gareen waldaa dhaabuu milkaa’oo ta’an hojii bobba’an irratti Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamu. Baarnaabaasiin, “Kottu deebinee, mandara dubbii gooftaa itti lallabne hundumaa dhaqnee, akka amantoonni itti jabaatanii jiraatan in ilaalla” jedhe. Hojii Ergamootaa 15:36 Phaawuloos barbaachisummaa qormaataa(assessment) fi madaallii ifatti agarsiisa. Gareen milkaa’e hundi waan hojjechuuf karoorfate galmaan ga’uu isaa in madaala. Yoo qabaatan milkaa’ina sana guddisaaa adeemuuf maal gochuun akka danda’an iddo itti kennuu fi murteessuu qabu. Galma isaanii bira ga’uuf wanti hojjetamuu qabu yoo jiraate, dhuma irratti galma isaanii bira ga’uuf tarkaanfiiwwan itti aanan fudhachuun irra jiru murteessu. Akkasumas gareen keessan akka gareetti akkamitti akka hojjechaa jirtan, akkamitti akka fooyya’uu dandeessan, akkasumas carraaqqii itti aanu keessatti akkamitti caalaatti bu’a qabeessa ta’uu akka dandeessan murteessuun qaba. VII. Madaallii Erga takka achi bubbulanii booddee, Phaawulos,
Made with FlippingBook Ebook Creator