Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 21

barbaachisaa ta’e deebii qophaa’aa uume ture. Sababa madaqfamuu isaatiin, hojiin barbaachisaan qormaanni dabalataa jiraatus itti fufee hojetamaa ture. Gareen milkaa’an karoora qabu, karoora sana onneee gutuudhaan hojjetu, rakoolee haaraan kan jitran yoo ta’ee, karoora sana akka barbaachisummaa isaatti sirreessuudhaan fuurmaata barbaadu. V. Quunnamtii fi Qindoomina Communication and Coordination Tokkoon tokkoo kutaa Macaafa Qulqulluu armaan ol caqafaman/qoodaman keessatti walqunnamtii fi qindoominni bifa biraan ibsammnai jiru. Yaada ifa ta’ee qabaachuu dandeenya ta’a, garuu sun kan dhufu mul’anni sun waan ibsameef. Miirri miseensa ta’uu/kan garee ykn waldaa/ jiraachuu danda’a, garuu sun kan dhufu walqunnamtii afaanii fi karaa kan biraa ta’ee fi miira walitti dhiyeenyaa fi tokkummaa uumuun dhufa. Akkasumas fakkeenya dhagnaa keessatti kennaaleen qaama karaa qindoomina qabuun socho’u ijaaruuf kan yaadamedha. Sun kan ta’u yeroo qunnamtiin toora qabatan yoo jiraatan qofa dha. Nahimiyaan hojii sana raawwachuu fi rakkina isa mudate keessatti walmadaaluu kan danda’e qindoomina gaarii fi qunnamtii cimaa ta’een qofa ture. Qindoomina haala gaariin qindaa’een qofa. VI. Aangoo kan qabuu fi Ergamummaa. Waldaa kristiyaanaa Anxokiyaa keessa raajonnii fi barsiisonni turan; isaanis Baarnaabaas, Simi’oon “Isa gurraachicha” isa jedhamu, Luukiyos nama biyya Qareenee, Maanaa’en isa Herodis abbaa biyyaa wajjin guddate, Saa’olis turan. Isaan kun gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, Hafuurri Qulqulluun, “Baarnaabaasii fi Saa’olin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa” jedheen. Yommus itti dabalanii soomanii erga kadhatanii booddee, warri hafan harka isaanii

Made with FlippingBook Ebook Creator