Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

20 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

akka ta’e walaaluun, miseensi garee tokkoo hirmaannaa ala fi garee sana akka inni dhiisee deemuu taasisu danda’a.

III. Kennaawwan Adda Addaatiif Gatii Kennuu Qorontoos 12:11-27, Efesoon 4:11-16, 1 Phexros 4:9-11, fi Roomaa 12:3-8 hundi isaanii waa’ee kennaa adda addaa qabaachuu fi kennaa adda addaa dhagna ijaaruuf hammam barbaachisaa akka ta’e in dubbatu. Akkasumas, kennaawwan sun gatii guddaa argachuu fi qindoomina qabaachuun barbaachisaa ta’uu isaa, kunis namni hundi kennaa isaa haala gareen guutuun fayyadamaa ta’een akka fayyadamu in dubbatu. Akkasumas gareen waldaa dhaabuu kennaa fi dandeettii adda addaa barbaada. Kennaawwan kan kee irraa adda ta’an sanaaf iddoo guddaa kennuu fi garaagarummaa sana qindeessuun barbaachisaa dha, kunis namni hundi galma waloo waldaa ijaaruuf waliin akka hojetuuf. Hoggantoonni garee galmee kennaa hafuuraa fi madaallii miiraa kan akka CliftonStrengths (duraan StrengthsFinder ) ykn madaallii Myers-Briggs jedhamuun beekamu fayyadamuun haala addaa garee isaanii barbaaduu danda’u. IV. Hojiirra Oolchuu fi Madaqsuu Nahimiyaan dallaa naannoo Yerusaalem jiru deebisee ijaaruuf karoora baay’ee cimaa ta’e hojiirra oolche (Neh. 4:15-23). Hojiin guddaan hojjetamus gareen kun kaka’umsa guddaa kan qabuu fi hojii kana irratti quuqama guddaan kan bobba’e ture. Yommuu Nahimiiyaa fi gareen isaa hojechaa jiran, Sabi Israa’el guddina agarsiisan, akkasumas mormiin isaan mudate. Gareen Nahimiyaa soda/balaa haleellaa kanaaf deebii keennuuf mala itti fayyadaman madaqsuutu irra eegama ture. Nahimiyaan hojjettoota ijaarsa dallaa fi gadi-fageenya eegumsaa irra deebi’ee gurmeessu fi qindeessuudhaan yoo

Made with FlippingBook Ebook Creator