Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 19

taphachuutti gargaarameera. Muuziqaa xiqqaa fi garee muuziqaa taphataniif (orkeestiraa) guddaan lamaan muuziqaa ifa ta’ee fi waliigaltee irra ga’ame irratti taphachuu qabu. Yoo sun ta’uu baate kufaatii/ guddaan in mul’ata. Muuziqaan bareedaan dafee gara jeequmsa sagalee guddaa qabuu fi nama kamiifuu hin tolletti jijjiiramuu danda’a. Ajaja ifa ta’e malee humni waraanaa cimaan gara fuula duraatti tarkaanfachuu utuu hin ta’in burjaaja’ee mo’amuu danda’a. Gareen bu’a qabeessa ta’an maal akka hojjechaa jiran, maal akka baratan ykn maal akka taphatan mul’ata ifa ta’e qabu. Kaayyoo fi mul’anni ifa ta’e malee namoonni carraaqqii kamiyyuu keessatti yeroo rakkisaa akka qabaatan ta’u. II. Bakka sirrii ta’uu Dhagni tokko immoo bu’aa dhagnaa baay’ee qaba malee, tokkicha duwwaa qaba miti. Fakkeenyaaf miilli, “Ani harka miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti” yoo jedhe, kun bu’aa dhagnaa tokko ta’uu isaa hin oolchu. Gurris, “Ani ija miti, kanaaf ani kan dhagnaa miti” yoo jedhe, kun bu’aa dhagnaa tokko ta’uu isaa hin oolchu. Egaa guutummaan dhagnaa ija utuu ta’ee, attamitti dhaga’uu danda’a ree? Guutummaan dhagnaa gurra utuu ta’ee, attamitti fuunfachuu danda’a ree? (1 Qorontos 12:14-17) Waa’ee 1Qorontoos 12:11-27 fi akkaataa inni maalummaa garee fi maalummaa waldaa irratti dubbatu waan baay’ee dubbachuun in danda’ama. Lakkoofsa 14-17 irratti Phaawuloos ofii ta’uu jechuun maal akka ta’e dubbata. Haala qoosaa ta’ee fakaatuun, miilli fi gurri qaama dhagnaa kka hin taane dubbatu. Haaluma wal fakkaatuun, kutaan waldaa ykn kutaan garee keessannii, ‘Ani qaama garee sanaa miti’ yeroo jedhan waan nama fokkisaa dha. Ta’us yeroo baay’ee namoonni garee tokko keessa ta’aan gdduutti sirriitti akkas ta’a. Namoonni garee tokko keessaa akkamitti garee keessaa

Made with FlippingBook Ebook Creator