Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

18 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Wal ga’ii 2 Garee keessan Ijaaruu 1 Luba, Look Raafleyi

Milkaa’inni yeroo baay’ee akka gareetti hojjechuu kan dabalatudha. “ Tokkoon Tokkoo Namaa Waliin Caalaatti Raawwata( Together Everyone Accomplishes More (TEAM)” jechi jedhu sochii garee fayyaa qabu ibsuuf jecha mijataa ta’e caalaa. Barbaachisummaa fi milkaa’ina hojii garee bu’a qabeessa ta’e ilaalchisee waan baay’een barreeffameera. Tokkoon tokkoon keenya gareewwan haala adda addaatiin akeekuu dandeenya, (kan akka ispoortii, daldala, waraanaa, qorannoo, barnootaa fi kkf). Gareen tokko tokko bu’a qabeessa ta’aanii kan socho’anii fi bu’aa guddaa kan uuman yoommuu ta’u, kaan immoo wal’aansoo fi sirreeffama malee miseensota muufachu fi hirmaannaa alatti isaan hambisa. Garee waldaa dhaabuufis dhugaan jiru kanuma. Gareen muuxannoodhaan yaada gaarii qofa utuu hin ta’in, akka gareetti hojjechuuf kan qophaa’ee fi kan yaadame ta’uu keenya kan agarsiisan qajeelfamni Macaafa Qulqulluus jiru. Mee Macaafa Qulqulluu keessa, kutaalee gareewwan waldaa dhaabaniif qajeelfama tokko tokko haa ilaallu. I. Ifa ta’uu ( Clarity ) Ulullee yookiis kiraara, mi’a lubbuu hin qabne irratti iyyuu qooqni afuufame yookiis rukutame sun yoo gargar ba’uu dhaabaate, maaliif akka ta’e attamitti beekama ree? Sagaleen fiingee gargar ba’ee yoo dhaga’amuu dhaabaates, eenyutu lolaaf qophaa’a ree? (1 Qorontos 14:7-8) Phaawulos waamicha ifa ta’e gochuun barbaachisaa ta’uu isaa cimsee agarsiisuf fakkeenya meeshaalee muuziqaa waliin

1 Garee Milkaa’inaaf Ijaaruu irratti bal’inaan seminaara kana ilaalaa, Ripe for Harvest , pp. 169-180.

Made with FlippingBook Ebook Creator