Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 1: Qopheessuu • 17

III. Duudhaalee keessan Ijoo Ta’an Murteessaa. Qormaati guddaan gareewwan waldaa dhaabuu hundaa, gatiiwwan/sona hojii isaanii geggeessan murteessu dha. Gatiiwwan/sonni biroo barbaachisoo ta’uu danda’u, waldaan kamiyyuu gatii miseensi garee tokko jaallatu hunda keessa jiraachuu hin dandeessu. Gareen keessan, mul’ata keessanif gatiiwwan waloo (walta’iinsa) isaan kamtu dursa ta’uu akka qaban murteessuu qaba. Waldaan kamiyyuu waan kudhan/ baay’ee akka gaariitti hojjechuu hin dandeessu. Tattaaffii waldaa dhaabuu hunda keessatti ifa ta’uun wanta hundaa irraa baay’ee barbaachisa dha. Akkuma gatiiwwan keessan murteessitaniin wal bira qabuun barbaachisaa miti. Akka Tiyoodor Ruuzveltitti jechi “wal bira qabanii ilaaluun gammachuu namaa hata,” jedhu, haala jireenyaa hedduu keessattti kan hojjetu yommuu ta’u keessumaa tajaajila keessatti fi caalaatti haala waldaa dhaabuu keessatti hojiirra oola. Gareen keessan gatiiwwan dhuunfaa adda addaa tokkoon tokko miseensa garee barbaachisoo ta’an keessa darbuu fi gatiiwwan waloo keessanii bira ga’uuf isin barbaachisa. Garee keessan keessaa namni hundi seenaa ilaalcha isaanii ibsu waan qabuuf kun ilaalcha jalqabaa irratti mul’achuu danda’u caalaa rakkisaadha. Adeemsa kanaan gaaffii gaarii gaafachuun kan nama gargaaru fi yeroon shaakkalli garee muuxannoowwan keenya kanneen akka, “waldaa koo durii keessatti kana ykn sana gooneerra” ykn “dur waan tokko akkasitti ykn akkasitti hojjenna turre” fi kan kana fakkaatan irratti hundoofnnee waldaa dhaabuutti dhiyaanna. Waan hundumaa keessatti gareen keessan gatiiwwan waloo waldaa dhaabuun geggeefffamuu kan qabu ta’ee wal bira qabuu irraa fagaachuun barbaachisa dha. keessanii adeemsa ta’aa jiru keessatti isin gargaara. Utuu beeknuus ta’ee utuu hin beekin, hundi keenya

Made with FlippingBook Ebook Creator