Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

36 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Gilgaala 3 Bu’a qabeessummaa Garee 1

Gareen keessan garee waldaa dhaabuu keessanitti eenyu akka dabalamuu qabuu fi gahee isaan taphatan murteessuuf of madaaluuf malli/tooftaa loogii ala ta’e in barbaachisa. 1. Cimina, Dadhabina, Carraa fi Sodaa jiru/CDCS/ Xinxaluu (SWOT Analysis) Haala ciminaa fi dadhabina keessoo (wantoota to’achuu dandeessan, kan akka qabeenya, waamicha, kennaa fi kkf) fi ciminaa fi dadhabina alaa (wantoota to’achuu hin dandeenye akka dinagdee, seera naannoo, naannoon isin jirtan wangeela lallabuuf banaa ta’uu fi kkf irratti mari’adhaa.) a. Cimina Keessoo (wantoota to’achuu dandeessan) b. Dadhabina Keessoo (wantoota to’achuu dandeessan) c. Carraa Alaa (wantoota to’annoo keessanii ala ta’an) d. Sodaa Alaa (wantoota to’annoo keessanii ala ta’an) e. Wantoota barbaachisoo ta’an keessaa 2 ykn 3 waa’ee garee keessanii kan isin bartan maal ture? 2. Garee Ijaaruu Gaafilee mariif qophaa’an. a. Gahee fi itti gaafatamummaa adda addaa miseensota garee keenya ammaa maali?

1 Gilgaala Mana Barumsaa Macaafa Ququlluu Ripe for Harvest , fuula 188-205 irraa kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator