Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Gilgaala Garee: Qopheessu • 37
b. Gahee ykn dandeettii akkamiitu isin hanqata, iddoowwan ykn gahee sana akkamitti guutta? c. Miseensonni garee gahee kennaa isaanii wajjin walsimuu duukaa socho’aa jiruu? d. How will you continue to assess the effectiveness of your team as you move forward? What tools will you use to do so? Gara fuula-duraatti yommuu tarkaanfatan bu’a qabeessummaa garee keessanii akkamitti madaaluu itti fuftu? Kana gochuuf tooftaalee akkamii fayyadamtu? e. Miseeensota garee waldaa keessaan keessaa eenyu gahee adda addaaf barbaachisu danda’u irratti mari’adhaa. f. Moodellii(akkaataan) bulchiinsa waldaa keessanii maal? Gareen keessan akkamitti akka murtii godhu ibsaa g. Leenjii fi wal jajjabeessuuf, gareen keessan, yoom, eessatti, fi yeroo amamii gidduutti wal argu/qunnamu? h. Garee keenya jabeessuu fi guddisuuf, leenjii ykn haala kophaa’ina akkamiitu garee keessan barbaachisa? i. Gareen keessan naannoowwan kam irratti guddachuu qaba? j. Akka gareetti milkaa’ina keessan akkamitti madaaltu? Marii keessan irratti hundaa’uun galma keessan ji’oota 6-12 itti aananiif qopheessaatii galmeessaa. Galmi keessan kan safaramuu dandaa’an, raawwatamuuf guyyoota murtaa’an qabaachiuu, fi galama sanaaf namoota galma sanaaf itti gaafatamummaa qaban agarsisuu isaa mirkaneeffadhaa., Guyyaa murtoon itti murtaa’uu qabu hundeessitaniittu taanaan, murtee tokko hanga mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu boodaatti dabarsuun homaa miti.
Made with FlippingBook Ebook Creator