Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
38 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
Gilgaala 4 Dandeettii Dandamachuu Guddisuu
Gareen keessan waldaa keessan dhaabuu fi geggeessuuf waliin yeroo hojjettan akkaataa tajaajila fayya qabeessa ta’e hundeessuun isin barbaachisa. Gareen keessan gaaffii qaamaa, miiraa fi hafuuraa waldaa dhaabuu fi akkamitti waliin ta’uun akkaataa fayya qabeessa ta’e eeguu akka dandeessan beekuu fi hamma danda’ametti qophaa’uun murteessaa dha. Qajeelfama Yeroo fudhachuun gaaffilee armaan gadii gara karoora hojii akkaataa tajaajila fayya qabeessa ta’e hundeessuuf qopheessuutti mari’adhaa. 1. Garee keessan keessatti guddachuuf haala adeemsaa hafuuraa akkamii dursa kennuu qabdu (Sanbata, naannoo waldaa irraa fagaatanii yeroo qabaachuu(retreat), Kadhannaa, Sooma, Yeroo sagalee Waaqayyoo)? 2. Gareen keessan akkamitti guddina haala walitti dhufeenya maatii fayya qabeessa ta’ef deggeruu fi jajjabeessuu danda’a? 3. Akka gareen keessan haala adeemsaa hafuuraa fi maatii fayya qabeessa ta’e deggeruu fi jajjabeessuuf namoota akkamiitu jira? Yoo gareen keessan namoota akkasii hin qabu ta’e sirna deeggarsa keessan akkamitti guddiftu? 4. Leenjiin ykn haala ittiin garee keesssan ga’aa gootan gargaaraa jiruu? 5. Wal ga’ii dandamachuu irratti hundaa’uun akkaataa ykn wantootni hojjechaa jirru kan jijjiiramuu qaban jiruu?
Made with FlippingBook Ebook Creator