Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 2: Eegaluu fi walitti qabuu • 43
Wal ga’ii 4 Humna Wangeela Sochoosu Paastar Looreenzoo Elizoondoo
Wangeelli waa’ee Yesus. Wangeelli giddu galeessaa dubbii ijoo Macaafaa Qulqulluuti, sababiin isaas Macaafni Qulqulluun guutuumaan isaa Yesusiin akekkata. Wangeelli oduu gammachiisaa Waaqni keenya guddaan ilma namaa kufe gara laafinaan ilaalee, ilma isaa Yesusiin jireenya nuti jiraachuu hin dandeenye akka jiraatuuf, gatii nuti baasuu hin dandeenye akka baasuuf, mo’ichaan deebi’ee ka’ee, Seexana, cubbuu, fi du’a, fi addaan ba’iinsa Waaqayyoo fi dhala namaa gidduu jiru mo’uu. Kun oduu gammachiisaa nu fayyisu dha. Wangeelli nu fayyisuu qofa utuu hin ta’in, ergama Kirstos akka raawwannuuf nu erga. Kan nama dhibu garuu, har’a kiristaanonni baay’een wangeela jijjiiramaaf akka meeshaa dhihesituu qofaatti ilaalu. Garuu akka Kiristaanummaa a baay’ee caala, Jalqabaa fi Dhuma amantii kiristaanaati. Akkuma Ergamaan Phaawuloos Roomaa 1:16 irratti nu yaadachiisu, “Ani wangeelatti hin qaana’u, inni humna Waaqayyoo isa nama amane hundumaaf, dursee Yihudii fi Giriikii fayyinaaf.” Wangeelli nu fayyisuu fi nu erguu qofa utuu hin ta’in akka waldaatti boca nutti gochuuf malee. Jecha biraatiin, Waldaan karaa wangeela, fi wangeelaaf jiraatti. Waldaan akka onneeti. Onneen ofii isaa qofaaf dhiiga yoo fidee dhagni namaa inni kaan in du’a. Akkasumas, onneen dhiiga dhaganaa altti yoo dhangalaase, akkasuma dhagni kaan in du’a ture. Onneen qaamni lubbuun akka turuuf dhiiga dhagna keessaa fi alaatti asiif achi deebisuu qaba. Haaluma walfakkaatuun waldaan jireenya guutuuf yeroo hundumaa gara wangeelaa dhufuu qabdi, achiis lubbuun akka jiraattuf, wangeelaa wajjin ergamuu qabdi. Yesus akkuma onnee haala kanaan akka jiraannu nu godhe. Waaqayyoon, ollaa keenya, walii keenya (waldaa) akka jaallannu nutti hime.
Made with FlippingBook Ebook Creator