Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
44 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
Macaafa Hojii Ergamootaa irraa kaasee hanga har’aatti, seenaan waldaa seenaa ummata wangeela labsuuf, tursuuf, babal’isuuf lubbuu isaanii kennedha. Manneen amantaa kiristaanaa fi warri waldaa dhaaban wantota baay’een geggeeffamu. Tokko tokko kan kaka’umsa mul’ata fooyya’aa borii, olloota isaanii fooyya’oo arguuf , ykn waldoota fooyya’oo ta’an arguuf kan geggeeffaman dha. Kun hundinuu waan gaarii dha, garuu dhumarratti wanti nu kaka’umsa keenya kan geggeessuu qabu wangeela ta’uu qaba. Kanaaf ergaa, ergama, fi karaa wangeelaa hubachuun murteessaa dha. Maal amanuun akka nurra jiru, addunyaa naannoo keenya jiru akkamitti akka ilaallu, waldaan maal ta’uu akka qabdu kan nu barsiisu wangeela waan ta’eef. I. Ergaa Wangeelaa A. Macaafni Qulqulluun diraamaa tokkicha mul’atu, seenaa Waaqayyoo of keessaa qaba. Seera Uumamaa irraa kaasee hanga Mul’ataatti fedhiin Waaqayyoo dhala namaa furuuf akka ta’ee qabtamaan mul’ateera. B. Yesus mo’aa seenaa Waaqayyoo isa dhumaa ti. C. Gooftaan keenya seenaan Macaafa Qulqulluu guutuuman isaa waa’ee isaa akka ta’e ifa godheera. D. Kakuu haaraan Yesus Kiritos isa mul’ate yoo ta’e, kakuu moofaan immoo Yesus Kirstos isa dhokate jedhameera 1 . Jalqabaa hamma dhumaatti Macaafni Qulqulluun keenya seenaa hunda caalu, waa’ee Yesus ti. E. Akkasumas Yesus maaliif seenaa macaafa qulqulluu fi laphee/garaa addunyaa keessatti akkas giddu galeessa, akkas isa dhumaa, akkas kan ittiin hin qixxaanne kan hin jirre ta’e? Sababni isaas inni qofti gara biyya lafaatti
1 Ibsi Awugustiin “Gaaffilee Hepteuch” irraa, 2.73 Hojii Qulqulluu Awugustiin: Barreeffamoota Kakuu Moofaa irratti.
Made with FlippingBook Ebook Creator