Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 2: Eegaluu fi walitti qabuu • 45

dhufee, dhuguma Waaqayyo fi dhuguma nama, jireenya mudaa hin qabne jiraate; du’a araara ta’ee du’e; cubbuu, Seexana, dukkanaa fi du’a injifachuuf ka’e. Yesus waan Addaam ta’uu dadhabe hundumaa ture, isa Israa’el ta’uu dadhabe hundumaa fi nuti ta’uu dadhabne hundumaa ture. Bakka nuti hin dandeenyetti/hin milkoofnetti milkaa’eera. Akka nu’i isa waaqeffannuu fi itti gammadnu nu qopheesse nu hojjete-fi sababa dalga galuu/fincila keenyaan kan isa mufachiifne-seenaa mataa isaatii baraaruuf tarkaanfii fudhate. II. Ergama Wangeelaa A. Wangeelli oduu gammachiisaa nu fayyisuu fi ergama Kirstos akka raawwannuuf nu ergu dha. Yesus ergama isaa, “Ilmi nama isa bade barbaaduudhaa fi fayyisuudhaafis dhufeera” (Luqaas 19:10) jechuun goolabe. B. Labsiin Wangeelaa akka dhaga’amuu fi hubatamu wangeelli haala namooti keessa jiraniin (contextualized) ta’uu/labsamuu qaba. Adeemsa haala namoonni keessa jiraniin (contextualization) yaada jedhu yeroo ilaallu namoonni baay’een waa’ee Ergamaa Phaawuloos kallatiin yaadu. Kan jedhes Phaawuloos ture, “Warra amantiitti xobbee ta’an biratti, warra amantiitti xobbee ta’an buufachuudhaaf akka nama xobbee ta’eera; karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’eera. Hojii wangeelaatiin kennaa isaa keessaa hirmaachuudhaaf, wangeelaaf jedhee kana hundumaa nan godha.” (1Qor. 9:19-23). Garuu Phaawuloos ture, “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo

Made with FlippingBook Ebook Creator