Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

46 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

fudhadhaa!” kann jedhe (1Qor. 11:1). Jecha biraatiin, Yesus fakkeenya Phaawuloos isa mudaa hin qabne haala nammoonni keessa turaniin kan itti dubbate (contextualization) ture. Yohaannis, “Sagalichis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” (Yohaannis 1:14) jedhee barreessa. Karaa nam foonii ta’uu Kirstos Mootummaan Waaqaa gara biyya lafaa dhufuu argina. Kirstos keessaan ifni biyya lafaa fayyina fi birmaduu fiduuf gara caba keenya fi cubbuu keenyaa dhufuu isaa argina. Yesus gufuu namoota cubbamootaa Waaqayyo qulqulluu irraa adda baasu cabsee nutti dhihaate. C. Yesus akkas jedhe, “Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga”. (John 20:21). Yesuus ergaa wangeelaa geessuuf gara magaalotaa fi naannoo keenyatti nu ergaa jira. Garuu ergama Kirstos karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf, haala aadaa sabaa ittiin geenyuu hubachuu keenya keessatti ogummaa qabaachuu qabna. Haala jiru keessatti wangeela lallbuun (contextualization) wangeela caalaatti hubachuuf hiika 2 Macaafa Qulqulluu qofa utuu hin ta’in, Wangeelaan namoota bira ga’uuf yaalaa jirru hubachuu caalaatti haala aadaa keenyaa barbaada. Adeemsi hiikkaa kun aadaa keenya ija ergamaa wangeelaatiin akka ilaallu nu gargaara.

2 Hiikkaan (Exegesis) ibsa qeeqaa ykn hiika barreeffama macaafa qulqulluu kan namni tokko hiika kutaa tokkoo haala mataa isaa keessatti hubachuun seera bu’uuraa ijoo baasuuf barbaadudha. Adeemsa hiikaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Luba Dr. Don L. Davis, Hiika Macaafa Qulqulluu ilaali. Kaarikulamii Kaapstone, Moojuulii 5. (Wichita: Mna maxxanssaa TUMI, 2005).

Made with FlippingBook Ebook Creator