Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 2: Eegaluu fi walitti qabuu • 47
III. Mala/Kraa Wangeelaa A. Wangeelli nu fayyisuu fi nu erguu qofa utuu hin ta’in nu boca. Yesuus gara wangeelaatti (Yesusiin jaallachuutti), gara aadaa (olla keenya jaallachuutti), gara waldaa (obboloota keenya jaallachuu) tti nu waama. Yeroo fayyinuu, fi utuu hin ergamin dura, haala wangeela waldaa kiristaanaa naannoo keenya jiru keessatti bocamna. Waldaan karoora Waaqayyoo isa inni jalqaba ittiin biyya lafaa bira ga’uudha. Yesus, “…; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du’aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo’us.” (Mat. 16:18) jedhe. B. Wangeelli fi Ergami wangeelaa lafa onaa keessaa hin adeemu. Isaan xiyyeeffannoo fi kaayyoo waldaati, humnaa fi ibidda saba Waaqayyoo Yesusi fi waldaa isaatti makkamani dha. Waldaan qaama ergama kiristaanaa murteessaadha sababiin isaas maalummaa bulchiinsa Waaqayyoo isa keessaa cabsee mul’isa. Ergami wangeelaa kan raawwatamu akkuma namoonni jaalala nuti Waaqayyoof, ollaa fi walii keenyaaf qabnu arganitti. Kanaaf waldaan wangeelli jechoota dubbannuu fi jireenya jiraannuun akka lallabamu beekuun murteessa dha. Haala kanaan Waaqayyo ijaan hin mul’anne jaalala saba Waaqayyootiin mul’ata (1Yohaannis 4:12). C. Waldaan kiristaanaa iddoo walitti qabamuu caalaa, Mootummaa Waaqayyoo naannoo keenyatti keessatti mul’atu dha. Akkuma embaasii (dhaabbata biyya tokko bakka bu’ee biyya kan biraa keessa jiru) dhimma biyya isaanii lafa ormaa irratti bakka bu’u, waldaan kallatti afuriin biyya
Made with FlippingBook Ebook Creator