Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
48 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
lafaa kana keessatti embaasii Waaqayyooti. Waldaan humnaa fi hiika wangeelaa biyya lafaa kana keessa, namoota dhugaa taa’anii wajjin yommuu jiraannudhas, mootumma Waaqayyoos bakka buuna. “Waldaan kiristaanaa Hawaasa Mootummichaati malee gonkumaa Mootummaa mataa isaati miti. Mootummichi bulchiinsa Waaqayyoo fi naannoo eebbi bulchiinsa isaa itti argamudha; waldaan tokkummaa/waldaa warrahoggansa fi bulchiinsa Waaqayyoo beekanii eebba isaatti (mootummaa Waaqayyoo) gammadanii dha. Mootummaan Waaqayyoo waldaa uuma, karaa waldaa kirirstaanaa hojjeta, waldaadhaan addunyaa irratti labsama” 3 IV. Goolaba Humni wangeelaa sochoosu Mcaaffata Qulqullaa’oo keessatti argama, sababiin isaas akkuma Yesus jedhe “anaaf dhugaa in ba’u.” (Yohaannis 5:39). Seera Uumamaa irraa kaasee hanga Mul’ataatti Caaffanni Qulqullaa’oon gara Yesus, keenyatti akeeku. Fayyisaa fi Mootii kanaa, yommuu lallabdu, barsiiftuu fi duuka buutota gootu. Kanaafuu, yeroo lallabdan, barsiiftan, duuka buutota gootanitti, yaada Ergamaa Phaawuloos “Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta’initti immoo gowwummaa dha.” (1Qor. 1:23) jedhe qabaadhaa. Akkuma fakkeenya Yesus isa bade barbaaduu fi fayyisuuf dhufe yeroo hordofnu, humni wangeelaa sochoosu ergama waldaa kiristaanaa keessatti argama,. Wangeelli nu fayyisa, sana boodas nu erga. Yesuus cubbuu irraa nu oolchee saba hundumaa duuka buutota akka goonu nuuf nu ajaja. Ergamni waldaa kiristaanaa
3
Mere Missions , fuula 148.
Made with FlippingBook Ebook Creator