Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Gilgaala garee: Eegaluu fi walitti Qabuu • 63

Gilgaala 5 Humna Wangeela Sochoosu

Gareen keessan giddu galeessumma/barbaachissummaa wangeelaa hubachuu fi tooftaa wangeela labsuu, haala wangeellii keessatti lallabamu mijeessuu fi akka waldaan hawaasa keessatti bakka bu’aa/embasii Waaqayyoo taatee hojjettutti qopheessuu barbaachisa. Qajeelfama Gaaffiilee armaan gadii akka gareetti mari’adhaatii deebii keessan galmeessaa Gilgaala 1. Wangeelli jireenya keenya akkamitti fayyisa, jijjira? 2. Jireenya kee keessattis ta’e waldaa keessatti wantota adda ta’an akkamii humni wangeelaa jijjiiru isaa argite? 3. Wangeelli fi Caaffanni Qulqullaa’oon hundi waa’ee Yesus akka ta’e hubachuun maaliif barbaachisaa ta’e? 4. Kana jireenya kee, waldaa kee fi mala tajaajila kee keessatti barbaachisummaa isaa karaa kamiin hubattee argite? 5. Wangeelli si erguun jechuun maal jechuudha, ergamni kee maali? 6. Ergama kana hawaasa kee keessatti raawwachuuf akkamitti dammaqinaan hirmaachuu dandeessa? 7. Waldaan maaliif lafa irratti imbaasii Waaqayyoo jedhamtee waamamti waldaan keessan akkamitti wangeela labsitee agarsiifti?

Made with FlippingBook Ebook Creator