Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 3: Kunuunsuu fi Ce’umsa • 71
Wal ga’ii 7 Duuka Buutummaa Bu’a qabeessa 1
Wangeela lallabuu fi amantoota haaraa maatii Waaqayyoo keessatti hammachuun guddina jalqabaa fi bu’a qabeessummaaf madaallii gaarii ta’us, guddinni lakkoofsaa (baay’inni namootaa), guddina hafuuraa madaaluuf yoo ta’e gowwoomsaa ta’uu danda’a. Gareen waldaa dhaaban hedduun baay’ina lakkoofsa namootaatiin gowwomfamanii hubannaa malee waldoota biroo wajjin wal bira qabuun dafanii yakka fi salphina keessatti kufuu danda’u. Garee waldaa dhaaban yeroo hundumaa guddinni lakkoofsaa agarsiiftuu duuka bu’ummaa ta’uu akka hin qabne yaada keessa galchuu qabu. Kun barumsa warri waldaa dhaaban hedduun karaa ulfaataa ta’een barataniidha. Dubbisuun hammam ulfaataa ta’uu danda’us, wangeela lallabuun hojii waldaa kiristaanaa isa dhumaa miti. Isa jalqaba qofa dha. Ergama Guddaa Gooftaa keenyaaf deebii kennuu keessatti hojiin dhugaa waldaan hojjechuu qabdu amantoota duuka buutota Goooftaa gochu dha. Kanaaf waldaa keessatti tooftaa duuka buutota gochuu isi barbaachisa. Gareen keessan-fi waldaan akkuma booda isaan hidhachiiftan-garaa fi adeemsa/akkaata duuka bu’ummaa akka hubatan gargaaruuf yaada armaan gadii kan dhiyaate dha. I. Eregama Guddaa, Mootummaa Waaqayyoo fi Waldaa Yesus Kirstos. A. Ergama Guddaa, Maat. 28:18-20; Maar 16:15-16; Luqa. 24:46-49; Hojii Ergamootaa 1:8; Yoha. 20:21 1. Aangoo Iyyesuus Kirstos
1 Seminaara Luba. Dr. Doon L. Deevis in Ripe for Harvest , fuula. 359-367 irra kan fudhatame.
Made with FlippingBook Ebook Creator