Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

72 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

2. Ajaja/Abboommii saba hundumaa bira dhaquu, duuka buutota gochuu fi maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutiin cuuphuu. 3. Qajeelfama: waan Kiristoos barsiise hundumaa ajajamuuf barsiisuu. B. Mootummaa Waaqayyoo, Maat. 6:33; Maar 1:14-15; Mul’ata. 11:15; Room. 14:17 1. Mootummaa Waaqayyoo= mootummaa fi bulchiinsa Waaqayyoo uumama isaa gidduutti. 2. Mootummaa dukkanaa = mootummaa fi bulchiinsa diina keenya isa du’uu/du’aa: Seexana, Mormituu, seexanaa fi ergamtoota isaa: bulchitoota dukkana kanaa, Efe. 6:12. C. Waldaa Yesus Kirstos = Dhagna/Qaama Kiristoos: bifa Kiristoos jiraataa har’a addunyaa irratti mul’atu, mul’achuu ogummaa Waaqayyoo addunyaa irrattii, akkasumas araara guutuu lafaatti labsuuf bakka buutuu Waaqayyoo, Maat. 16:18; Efe. 1:22-23; 1 Xim. 3:15; Efe. 3.8-12; 2 Qor. 5:18-21. Duuka bu’ummaan duuka butota Yesus karaa waldaa saba (garee namootaa) lafa irra jiran hundumaattiin baay’isudhaan, karoora Waaqayyo bulchiinsa isaa guutummaa lafaatti deebisuuf qabu raawwachuudha! Duuka bu’oota gochuun hanga inni dhufutti ajaja Gooftaa du’aa ka’e raawwachuudha!

II. Duuka Bu’ummaa maaliif fi maal Waldaa Keessatti A. Duuka bu’aan/duuka buutuun waldaa keessatti maaliif?

Made with FlippingBook Ebook Creator