Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Kutaa 3: Kunuunsuu fi Ce’umsa • 73
1. Waldaan addunyaa kana keessatti bakka Waaqayyoon itti yaaddu dha – fedhiin isaa waldaa keessatti namummaa haaraa uumuu dha. 2. Waldaan ergama Waaqayyoo biyya lafaa ofii isaatti araarsuuf qabu keessatti ergamtuu/bakka uutuu/ Waaqayyooti . 3. Waldaan dhagna/qaama Kirstos , dhaloota kufeef kan inni itti of mul’ise dha. 4. Duuka buutuu gochuun waldaa keessatti , karaa waldaa fi waldaadhaaf ta’a. B. Macaafa Qulqulluu keessaa fakkeenyi muraasni duuka uutuu gochuu maal fa’i? 1. Musee fi Iyaasuu, Lakk. 27:15-20; cf. Iyaa. 1:1-2 2. Eliyaasii fi Elsaa’i, 1 Mootota 19; 2 Mootota 2 3. Daawitii fi “namoota jaboo” taa’an isaa, 1Sen. 12. 12. 4. Naa’omii fi Ruut, Ruut 1
5. Yesusii fi warra Kudha Lamaan, Maarqos 3:14 6. Phaawulosii fi Ximotewos (fi garee isaa), Hojii Ergamootaa 20:4; cf. Filip. 2:20-22 irratti
Waldaa keessatti duuka buutuu gochuun adeemsa fakkeenya ta’uu, gorsuu fi waldaa keessatti nama biraa wajjin michummaa uumuudhaan Dhagna/Qaama Kirstos keessatti akka makaman, hundee amantiin akka godhatan, sana booda maqaa Kirstosiin waldaa fi addunyaa keessatti, akka Hafuurri Qulqulluun geggeessutti tajaajiluuf akka qophaa’an/hidhatan dandeessisu dha.
Made with FlippingBook Ebook Creator