Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
74 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
III. Gahee nama Duuka Bu’aa qopheessuu: Fakkeeya, Gorsaa fi Michuu A. Itti gaafatamuummaa fakeeya ta’uu (eeyummaa nama duuka bu’aa qopheessuu) B. Itti gaafatamummaa Gorsaa ta’uu (waanta inni duuka bu’aan qopheessu hojjetu) C. Itti gaafatamummaa Michuu ta’uu (akkaataa inni duuka bu’aa qopheessu walitti dhufeenya godhu) IV. Gahee Waldaan Naannoo Duuka Bu’aa qopheessuu bu’a qabeessa Keessatti Qabdu A. Waldaan namoota haaraa jijjiiraman Dhagna/qaama keessatti hammachuudhaaf gargaarti. B. Waldaan Kiristaanota haaraa amantiitti jabbeessuuf gahee guddaa qabdi: “amantii keessatti dhugaa ta’uu isaa mirkaneessuu.” C. Waldaan Kiristaanaa qulqulloota kan isheen hidhachiiftu tajaajiluuf, Efe. 4:9-15
Kirstosiin Fakkaachuu: Kaayyoo Dhumaa Duuka Buutuu Waldaa Kiristaanaa Keessatti qopheessuu Hundaa Kiristaanni Kirstosiin kan tokko ta’u amantii Isatti(kirstositti) qabuun. Fedhiin Waaqayyoo inni guddaan miseensa waldaa isaa hundumaa bareedinaa fi ulfina Kirstosiin walsimsiisuu akka ta’e yeroo hubannu qofa duuka bu’ummaaf iddoo isa madaaluu ka kennuu dadeenyu. Kiristaanni jireenya isaa fi tajaajila isaa karaa hundumaan Kirstosiin tokko waan ta’eef, duuka bu’ummaan bu’a qabeessa ta’ee wanta Waaqayyo bakka keenya Kirstosiin hojjete jireenya keenya keessatti akka mul’atu gochuu barbaada (Room. 8:29; 1 Yoh. 3:2-3 2Qor. 3:18.
Made with FlippingBook Ebook Creator