Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Kutaa 3: Kunuunsuu fi Ce’umsa • 75

Wal ga’ii 8 Hooggansa Guddisuu 1

Duuka bu’ummaan waldaa keessatti sadarkaa hedduutiin mul’ata. Gocha waldaa keessatti duuka buutota gochuu akkauma wal ga’ii/seminaara darbe irratti mari’atame caalaa, waldaan hundi tooftaan guddina geggeessummaa isaan barbaachisa. Adeemsa/karaa geggeessummaa fi adeemsa namoota waldaa keessan keessatti geggeessummaaf kennaa qaban adda baasuu, hidhachiisuu fi daandii qabachiisuu uumuun umurii dheeraa fi hoggansa dhaloota itti aanuuf barbaachisaa dha. Yaadni armaan gadii kun hojii Waaqayyo akka hojjetaniif isaan waameef geggeessitoota adda baasuu, hidhachiisuu fi ajajuuf tooftaa uumuuf gara fuula duraatti tarkaanfachuuf akka si gargaarutti dhiyaateera Adeemsa Waldaa Dhaabuu Magaalaa keessatti, Hoggantoota Guddisuu: Abbomamuu irraa gara Hawaasaatti I. Abbomamuu A. Hiika: Waamicha Waaqayyoo hubatee gooftummaa fi geggeessummaa isaaf hatattamaan abboomamuudhaan deebii kennu. B. Caaffata Qulqullaa’oo Ijoo yaada keessa galchuu qabnu: 2 Xim. 1:6-14; 1 Xim. 4:14; Hojii Ergamootaa 1:8; Maat. 28:18-20 C. Yaad-rimee murteessaa (critical cocept): aangoo Waaqayyoo irratti – geggeessaan Waaqayyoo, qulqullootaa

1 Seminaara Luba Dr. Doon L. Deevis in Ripe for Harvest , fuula 377-381 irra kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator