Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Gilgaala Garee: kunuunsuu fi Ce’umsa • 89

Gilgaala 8 Kunuunsusuu: Waldaa kan bilchiana qabdu (mature) Taasisuu 1

Gareen keessan miseensota kunuunsuu fi geggeessitoota bu’uuraalee misoomaa jajjaboo hundeessuudhaan kennaa hafuuraa isaanii keessatti akka hojjetan guddisuuf tarsiimoo fi karoora qopheessuu barbaachisa. Qajeelfama Gaaffiilee armaan gadii akka gareetti mari’adhaa deebii keessan galmeessaa. 1. Namoota duuka bu’ummaa dhuunfaa fi gareetiin waldaa akka geggeessan akkamitti leenjifta? 2. Malawwan namoonni kennaa fi dandeettii Waaqayyo waldaadhaaf isaanii kenne akka argatan gargaaruuf itti fayyadamtan jiruu? 3. Amanamtootaati itti gaafatamummaa attamitti itti kennitu? 4. Amantoonni kennaa isaanii waldaa keessatti akka shaakalan/ fayyadaman akkamitti jajjabeessitu? 5. Geggeessaa kennaa qabu, garuu hin guddanne tokko akkamitti leenjisuu yaada ? 6. Namoota hoggantoota ta’uu danda’an keessaa amala akkamii barbaadda? 7. Amala(characterstics) isaan kamtu alaabaa diimaa damaqinaan of eeggannoo siif kennuu qaba?

1 Gilgaala Mana barumsaa Macaafa Qulqullu, Ripe for Harvest fuula 402-405 irraa kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator