Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 95

Wal ga’ii 10 Tajaajila keessatti Ogummaa Gargaaramuu 1

Yeroo ulfaataa waldaa dhaabuu keessaa utuma jirtanii, sochiiwwan hedduu keessatti qabamtanii of argitu kuis, of eeggannoo yoo gochuu baattan miira/haala nama gamalee hojiin kan itti baay’etuu fi jeequmsaa nama miidhu uuma.Yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuu barachuun, wanta godhamuu danda’u yk dhiisu caalaa wanta hojjetamuu qabuuf dursa kennuu fi tajaajila irratti ogummaa hojii irra oolchuun, akka gaariitti si tajaajilee adeemsa hojii kee irratti si eega. Gara dhuma kanaatti, akaataan guddaan waldaa dhaabuu keessatti isin barbaachisan keessaa tokko adeemsa idilee tattaaffii keessanii madaalu dha. Tilmaami/saffarri yaada dhuufaa fi miiraa, bu’a qabeessummaa gadi bu’aa/gadhee waan ta’eef, gareen waldaa dhaabuu ogeeyyii ta’an adeemsa qabatamaa qaban guddina isaanii madaaluu hojiirra oolchu. Yaadni armaan gadii barbaachisummaa fi gatii adeemsa PWR (prepare, work, and review) (qophii, hojjechuu, fi keessa deebi’uu) kan isiiif gareen keessn bu’a qabeessummaa keessan madaaluuf gargaaru beeksisu f i ibsa. Kaayyoo Waaqayyoo Raawwachuu kan Dandeenyu Akkamitti? Tajaajila Keessatti Ogummaatti Fayyadamaa Wal’aansoon jiru: Ogummaan dhugaa hojii irra ooluu danda’anii fi wanta gaarii ta’e lamaan keesssa tokko filachu dha. Efesoon 5:15-17- Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!

1 Seminaara Luba. Don Allsman Ripe for Harvest , fuula 65-76, 457-460 irra kan fudhatame.

Made with FlippingBook Ebook Creator