Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
96 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta’e hubadhaa malee, wallaalota hin ta’inaa! Fakkeenya 24:3-6 - Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama; beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta. Namni ogeessi nama jabaa caalaa aangoo qaba, namni beekaanis nama humna qabu irra in caala. Ati geggeessaa ogummaatiin lolaaf in baata, baay’ina gorsitootaanis mo’icha in argatta. Hojii Tajaajilaa Keessatti Bu’aa Ogummaatti Fayyadamuu • Mul’anni ifa ta’e gareen sun haala gaarii irra jiraachuu fi dhiisuu isaa namni hundi ifatti akka argu gargaara. • Kallattiin ifa ta’e burjaajii xiqqeessee miira ofitti amanamummaa fi abdii kenna. • Namni hundi wanta itti muudaman beeku. • Namoonni turuu fi mul’ata sana galmaan ga’uuf gargaaruu ykn gara waan biraatti ce’uu akka barbaadan murteessuu danda’u. Garee keessan keessaa namoota mul’ata sana hin deeggarre isin barbaachisan. Yoo turanis sochii hin godhan yookaan rakkoo uumuu. • Hojiin qisaasama xiqqaa ta’a (carraa utuu hin ta’in mul’ata irratti xiyyeeffadhaa). • Bakka atti carraa mul’atichaaf gumaaacha hin gonneef “ lakki ” jechuu dandeessutti haalli uumama. • Carraawwan mul’atichaaf gumaachan dafanii tilmaamu fi beekamuu danda’u. Yommuu carraan uumame, Nahimiyaan mul’ata isaa mootichatti ibsuuf qophaa’ee ture.
Made with FlippingBook Ebook Creator