Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 97
• Ifa ta’uu fi kallattiin loltoota miidhuu ykn abdii kutachiisuu xiqqeessa . Loltoonni ifaa fi kallattii dhabuudhaan du’u. • Ogummaan mul’ata (amantii) fi dhugaa (of eeggannoo) gidduutti madaallii gaafata. • Kallattiin ifa ta’e namoota kakaasuun bilisa isaa baasee akka isaan yaada/wanta haaraa uuman isaan godha. • “ Haala keessa jiran keessatti miidhama xiqqeessuudhaan ” wanta tokko hojjechuuf dursanii akka kakaa’anif mala/ haala ittiin hojetan qopheessa. • Qajeelfamooti kun sochii garee kanaa keessatti hojiiwwan hedduu irratti hojii irra oolchuun in danda’ama. Amala ogummaatti fayyadamuu horachuudhaan, sochiin guddaas ta’e xiqqaa hundi bu’a qabeessa akka ta’u godha. Hojii Tajaajilaa Keessatti Ogummaa Fayyadamuuf Gufuuwwan Jiran “Akeeki Seexanaa maal akka ta’e waan beeknuuf,…. 2 Qorontos 2:11 • “Kana dura akkasitti hojjenee hin beeknu.” Waaqayyo aadaa adeemsaa isaa danqutti hin gargaaramu. Karaa kanaan duran barameen wanta hojjetameef yaadi jedhu ogummaa ta’uu hin agarsiisu (HoE 10). • “Gaarii hojjechaa jirra.” Milkaa’inni mul’atu (ykn dhugaan) Milkaa’ina guddaa irraa si dhorkuu danda’a (Yohaannis 15:2). • “Nama qindoominaan socho’u ta’uun geggeessummaa Hafuura Qulqulluuf hayyamu hin kennu.” Waaqayyo karoora qaba ture karoora isaas karaa keenya hojjechaa jira. Karoora qabaachuu fi karoora sana hojjechuuf qaana’uu hin qabnu.
Made with FlippingBook Ebook Creator