Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

98 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

• “Wanta kamiin iyyuu hojjenne – Waaqayyo in eebbisa. Gaafa itti dhufnu in arginaa.” Wantoonni gaarii ta’aan tokko tokko boodatti kan hafan yoo jiraatan iyyuu, yeroo tokko tokko ilaalchi kun naamusa dhabuu kan calaqqisiisu dha. • “Gochuu qabna” utuu hin ta’in “gochuu dandeenya” jedhu. Murtoo miira, faayidaa ykn qabeenya jiru irratti hundaa’udhaan. • Bututaa/Dadhabbii guddaa. “Dadaii giddaan/bututuun hunda keenya sodaattuu godha.” Yeroo dadhabnu yaada haaraa fi waan qabeenya keenya duraanuu xiqqaa ta’e fayyadamu kam iyyuu caalaatti mormina. Diddaan kun carraa nu darbarsuu danda’a. • Sodaan kufaatii, sodaan jijjiirama, sodaan deeggartoota dhabuu ~ Baay’ee gaariis, baay’ee gadhees ta’uu dadhauun filatamaa dha. Sabaiin isaa miidhaa hin qabu waan ta’ef. ~ Wanta tokko gochuuf soda malee itti adeemuun( risk ), carraa kufaatii dhuunfaa fi qaanii/salphina fida (“Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne. 2 Ximo 1:7). ~ Jijjiirama sodaachuun uumamaan jira, garuu yeroo hundumaa jijjiiramaa jirra (Room. 12:2; 2Qor. 3:18). ~ Ogummaa shaakaluudhaaf (Waaqayyo waan nuti hin

eegne hojjeta) dandeettin salphaatti yaada haaraa fudhachuu/ flexibility /(jijjiiramaaf banaa ta’uun) murteessa dha.

Made with FlippingBook Ebook Creator