Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Jecha Duraa • xiii

Ergaa dura taa’aa ijaarsa Waldaa Seenaa/odeeffannoo guddaan addunyaa dhugaa/qabatama waltti bu’iinsa mootumaalee lamaan jiruti. Karaa isa mo’aa ta’ee Yesus Naazretichaan, mootummaan Waaqayyoo injifateera. Karaa foon uffachuu, fannifamuu fi du’aa ka’uu isaatiin “ Fannoo sana irrattis Kristos warra qilleensa irraa gooftummaa qabanii fi humna qaban harka duwwaa hambisee bakkeetti isaan mul’isuudhaan salphisee isaan argisiise” (Qolosaayis 2:15, Ergicha). Mootummaan Dukkkanaa yoo mo’amee illee, seexani fi duuka buutonni isaa lubbuu biliyonatan lakkaa’aman hidhaa hafuuraan kiyyoo jala galcheera. Tokko illee akka hin dunee, garuu hundinu humna wangeelaan birmaduu akka ba’aan fedhuudhaan Yesus waldaa isaatti akka isheen kaatee, adeemtuu fi gara fuula duraatti sochootu fi baay’ettuf imaanaa ergamaa wangeela itti kenne. Kun hojii baay’ee barbaachisaa waldaa-ergama wangeelaa- itti gaafatamummaa( adda kan baa’an, kan hidhatan, kan bakka bu’an), namoota gara hawaasa waldaan kiristaana keessa hin jirre dhaqani fi wangeela labsuudhaan lubbuu mootumma Waaqayyootti dabaluu, duuka buutota gochuu fi walitti qabuudhaan, waldaa hojii hojjettu, baay’attu fi hawaasa sana keessatti ija/firii mootummaa kan godhattu. erguu isaan. Qajeelfamni DHAABBII Waldaa kun qabeenya ittiin seera bu’uraa waldaa fayya qabeettii asitii fi naannoo biyyaa lafaa hundumaattti hawaasa keessa jirtu keessatti hiyyummaan mudacha jiru keessatti garee ijaarsa waldaa ittiin leenjisuf. Gooftaan dafee deebi’ee in dhufa, badhaasni isas isaa bira jira. Amma sanatti, kottaa, hojii keenya isa baay’ee barbaachisa ta’e, ergaa wangeelaa fiduu fi waldootti haaraa ijaaramaa jiran geggeesuuf hojjetota adda baasuu, hidhachiisuu, fi bakka buusuu irraa gara boddeetti hin deebinuu. “. . . warra duubatti deebi’anii miti . . .” (Ibr. 10:39) Luba Boob Eenjel. Dura taa’aa Ijaarsa Waldaa Bitooteessa 28, 2024

Made with FlippingBook Ebook Creator