Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
xii • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
jireenya isaa du’a isaa, awwaalamuu isaa fi du’aa ka’uu isaan hojete sana. Macafaa Ergamootaa kaasee Kaku Haaraan, ati waldaan kiristaanaa ati keessatti waaqeffatu hawaasa ati keessa jirtu keessa jiraatti ilaalcha jedhu jala ta’uuu isaati. Fayyinni kan dhuunfaati garuu immoo namooota biroo wajjin jiraachuu of keessaa qaba. Dhaabbata ada adaa haawaasa keessa jiran keessaa waldaa kiristaanaa adda kan taasisu maal? Qulqqulluu ta’uu isheetiiti. Qulqqullummaan karaa injifanootti. Humna cubbuu balleessu fi jijjiiramaaf kan karaa banuu dha. Inni Saba Waaqayyoo kan nu taasiisuu dha, Ammantii nu’i Kirstositti qabnu kanatti karaa nuuf bana. Humnuma Yesusiin du’aa kaasetu madda jireenyaa fi hawaasa haareesuti Hojii Ergamoota boqonnaawwan kudha lamaan jalqabaa, ijaaramuu waldaa kiristaanaa nutti himu. Namni ijoon jalqabaa Pheexros dha. Kun wanta nma ajaa’ibsisu miti, sababiin isaa yommuu Pheexros Yesus Ilma Waaqayyyo ta’uu isaa dhugaa bahe, Yesus immoo warra waldaa ijaaran keessaa nama ijoo akka inni ta’u itti hime.( Maat. 16:18). Du’aa ka;uu booda, Kirstos duuka butota isaatti guyyota afurtama itt dhamahee/gatti itti baase. Yeroo kanatti, maddi humna Hafuura Qulqqulluu in mul’ate. Yesus waa’ee mootummaa Waaqayyoo fi amantoonni hundinuu akka lammii moootummaa Waaqayyootti jiraachhu akka qaban barsiise. Kun akka ta’u kan taasisu jiraachuu Hafuura Qulqqulluuti. Amma inni lammaffaa deebi’ee dhufee hammeenya bara baraaf injifatuutti, mootummichi akka hin dhufne isaan barsiise. Amma sanatti, duuka buutonni isaa hundinuu mootummaa Waaqayyoo bal’isuf hojechuu akka qaban, konkolaataan kan ittiin hojetan immo waldaa dha Alvin Saanders Pirasidsntii fi dura taa’aa, Warld Impaakt (World Impact) Bitooteessa 19, 2016 (A L It.)
Made with FlippingBook Ebook Creator