Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

102 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

QHK hojii irra oolchuuf Bal’ina/Dheerina( dimension ): Faarfatootaa( choir )geggeessuu, tajaajila waaqeffannaa geggeessuu, garee xiqqoo ( cell group ) geggeessuu, walgahii jaarsolii, tajaajila waaqeffannaa, bashanana deemuu, taateewwan wangeelaa ta’an geggeessuu. QHKn qajeelfma ogummaa yaada Macaafa Qulqulluu ta’an bakka bu’a. Injifannoon kan argamu yommuu: qophiin ogummaa qabu jiraatu dha . . . bifa haaraadhaan qajeelfama Hafuura Qulqulluu jalatti kan raawwatame . . . fi akka gaariitti keessa deebi’ameera. Barbaachisummaa Irra Deebii Bu’aa dhugaan QHK irraa argamu faayidaa hedduu qabaatus marsaa jalqabaa keessa hin jiru. Karoorri kee dhibbeentaan tokko tokko hin hojjetu Gatiin dhugaan/sirriin QHK dandeettii madaqsuuti. Erga waan tokko yaaltee booda QH irraa barattee booda HK in gumaachaa attis bua qabeessa ta’uu dandeessa. Ijoon Qophii utuu hin ta’in, Irra Deebii dha. Garuu immoo Hojii malee irra deebi’uu hin dandeessan. Hojiin Qophaa’ina malee hojjetamuu gowwumaa dha.

Made with FlippingBook Ebook Creator