Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
104 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa
Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! . . . Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.. . . . Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa! Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda’uu akka fidu in beektu. Isin warra fiixaan ba’an, warra mudaa, hir’inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda’uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!
~ Efesoon 6.10-11; Ibroota 13.17a; Yaaqoob 1.2-4
Made with FlippingBook Ebook Creator