Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 105

Wal ga’ii 11 Tarsiimoo Keessan Uumuu

Akkuma seminaarotawa/ ga’ii darban keessatti ibsame gareen keessan seera bu’uuraa/qajeelfama DHAABUU Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu haala hawaasa waldaan keessan tajaajiltuu fi mul’ata Waaqayyo isiniif kenne irratti hojii irra oolchuun baay’ee barbaachisaa dha. Seminaara kana keessatti sadarkaa DHAABUU Macaafa Qulqulluu akka tattaaffii waldaa dhaabuu Warld Impaaktiin (World Impact) hojii irra ooletti irra deebi’ama. Kun akka fakkeenyaatti fi ibsa tarsiimoo haala dubbii (contextual strategy) ta’ee akka dhiyaatu hubadhaa. Chaartiin armaan gadii kun isinii fi haala keessan kan ajaju ta’uuf kan yaadame miti. Hojiin keessan qajeelfmaa fi sadarkaa Wangeelaa fudhattee tarsiimoo keessan adda ta’e wixinu dha. Kana malees gahee Chaartara Wangeelaa beeksifna, ibsina. Qabatamaan yoo ilaalle chaartarichi akka sanada leenjisuuf ta’uutti kan itti fayyadu ta’a. Chaartarichi karoora tarsiimoo kee gabaabsee garee kee geggeessa/qajeelcha. Leenjisaan Dirree Wangeelaa keessan chaartaricha akka qajeelfamaatti yeroo leenjii keessatti fayyadamuun adeemsa keessan irra deebi’aa/ gamaaggama, injifannoo keessan jajee, qormaata furuuf, akkasumas akka barbaachisummaa isaatti adeemsa keessa barumsi barbaachisaa ta’e akka kennamuuf yaada kenna. Jecha salphaadhaan yoo ilaalle, chaartarichi karoora tarsiimoo keessaniiti. Kanaafuu, gareewwan chaartarichi kaayyoo fi tooftaan isaanii ifatti akka bakka bu’u gochuuf kadhannaadhaan baay’ee duukaa bu’uu qabu.

Made with FlippingBook Ebook Creator