Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 113

II. Mirkanaa’ina Jijjiirama: Adeemsa Tajaajila Keessan Keessatti Wanti Tasgabbaa’aa ykn Dhaabbataa Ta’ee Hafu Hin Jiru. Hammam kadhannuu fi qophoofnus jijjiirama, gufuu fi qormaata fuuldura keenya jiru hunda gonkumaa beekuu hin dandeenyu. Kanaaf, yeroo hunda tarkaanfii keenya itti aanu ija jabinaan fudhachuu qabna, ta’us garuu gara fuulduraatti balaa tasaa nu mudatuuf qophaa’uu qabna. A. Diraamaa/wanta ta’a jiru tilmaamu fi fudhachuudhaan tasgabbeessi. 1. Rakkoo gidduutti hin kufin, yaada haaraa fidi/uumi! Efe. 3:20-21 2. Qormaata akka carraa haala kee irra deebitee madaaluuf si gargaaruutti simadhu: wanti Gooftaaf baay’ee ulfaatu hin jiru, Er. 32:17 3. Yeroo qormaanni si mudatu hin dinqisiifatin; yaadadhu, hojjettoonni si wajjin hojjettan hundinuu akkuma kee rakkoo fi qormaata wal fakkaatu keessa darbaa jiru, 1 Phex. 5:9. B. Karoorsuun barbaachisaa dha, garuu karoorri yeroo hunda haaromfamuu in barbaachisa 1. Karoorri haaromsa( freshness ) kan fidu yommu ta’u, karoorri yeroo baay’ee garuu in dullooma. 2. Karoorri haala amma jiru akka kabajnu nu dirqisiisa (i.e., “irra deebi’ee ilaaluu, akka haaraatti ilaaluu), karoora duriitiif amanamummaan amma barbaachisaa ta’uu danda’a ykn ta’uu dhiisuu danda’a. 3. Karoorri mariif karaa si bana, garuu karoora durii irratti of kennuun kallattii hin taane hordofuu keessatti si hambisuu danda’a.

Made with FlippingBook Ebook Creator