Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

114 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

C. Daddabbiin (flexibility) raawwii milkaa’aa ta’e mirkaneessa 1. Hafuuraan deddeebi’i: wanti ati hojjettu hundinuu dubbii hafuuraa fi kaka’umsaaf banaa ta’uudhaan haa beeksifamu, Gal. 5:16 2. Hafuura hin dhaamsin: qajeelfama fi geggeessummaa Hafuura Qulqulluu karaa Dubbii, karaa namoota biroo, fi karaa haala hin didin1Tas. 5:19 3. Hafuuraan geggeeffamu: waan Hafuurri Qulqulluun sitti himu irratti ariitii fi guutummaatti hojjedhu, Room. 8:14. Gaafii kee: JIjjiirama gara fuula duraatti dhufuuf gareen waldaa dhabuu keeyaa qophaa dha?

III. Barbaachisummaa Deeggarsa: Madaquuf Miseensota Garee Kennaa Qaban Filuu fi Qindeessuun Qabna.

Dandeettiin taphoota mo’ata, hojiin garee fi sammuun dafe waa hubatu garuu shaampiyoonaa ta’a.

~ MIkaa’el Joordaan (Michael Jordan)

Rakkoon tajaajila keessatti mul’atu yeroo baay’ee walxaxa dha,, marsaa hedduu kan qabuu fi tuuta ta’ee kan dhufudha. Kanaafuu, yeroo baay’ee miseensonni garee biroo dandeettii kaayyoo keenya galmaan ga’uuf qabnu mirkaneessuuf furmaataaf gumaacha akka godhan isaan irraa eegna. A. Qormaatni tajaajilaa nama dhuunfaa tokkoof baay’ee walxaxaa dha. Maarqos 3:14 - Isaa wajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf, namoota kudha lama

Made with FlippingBook Ebook Creator