Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Wal ga’ii 4: Hundaa Walitti Fiduu • 115

bartoota godhate; (isaan kana warri inni “Ergamoota” jedhee immoo waame). 1. Rakkoon waldaa keetii humnaa fi muuxannoo dhuunfaa keetii dafee caala. 2. Milkaa’ina guddaa argachuuf kennaa miseensota garee keetii fayyadami. 3. Guddinni hoggansa waldaa dandeettii namoota kennaa qaban warra ergama leenjii kee galmaan ga’uuf si gargaaruu danda’an adda baasuu fi qindeessuu gaafata. B. Gareen kennaa qaban illee hojii ala ta’u fi tokkummaa dhabuun isaan mudata Filiphisiiyus 4:2-3- Obboleettonni keenya Ewodiyaa fi Sinxiikeen maqaa gooftaatiin yaada tokkotti akka waliif galaniif lachuu isaanii nan gorsa. Atis yaa amanamaa hiriyaa ko, dubartoota kana akka gargaartu sin kadhadha; isaan kun, Klemens, warri kaan hojii irratti hidhata koo warri ta’an, warri jireenya argachuudhaaf maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti caafame, dorgomee hojii wangeelaatti anaa wajjin dhama’aa turan. 1. Isaan wal lolu: Phaawulosii fi Barnaabaas, Hojii Ergamootaa 15:36-40. 2. Isaan in kufu: Yohaannis Maarqos, Hojii Ergamootaa 13:13. 3. Isaan addaan kutu\: Demas, 2 Xim. 4:10. C. Tajaajila kee miseensota garee jajjaboo fi bu’a qabeessa ta’aniin ijaari. Roomaa 12:4-6 -Nuyi dhagna tokkotti bu’aa dhagnaa baay’ee qabna; bu’aan dhagnaa hundinuu immoo hojii

Made with FlippingBook Ebook Creator