Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Gilgaala Garee: Hundaa Walitti Fiduu • 121
3. Hubachiisa: Yeroo booda miseensa garee dabaluudhaaf yoo murteessite, nama sana adeemsa sirnaa garee fi mul’ata keetiif of kennuudhaan akka fudhattu baay’ee gorfama. Gareen biroo mul’ataa fi galma garee kanaa gadi fageenyaan utuu hin hubatin, fi waadaa utu hin qabaatin miseensonni yeroo dabalaman rakkataniiru. 4. Galmoota kee ijoo ta’an barreessi. 1. Kaalaandara ji’a 12 keessan qopheessuuf/uumuuf akka gareetti hojjedhaa. Kaalaandarri keessan galma ji’aa fi kurmaana kurmaana( quarterly ) qabaachuu qaba. 2. Galmi kee, guyyoota murtaa’a kennameef keessatti, fi namoonni itti gaafatamummaa qaban murtoo kee deeggaruuf akka raawwatamu ilaaluuf akka ta’utti kan safaramuu danda’u ta’uu isaa mirkaneefadhu. 3. Yaadachiisuun/kakaasun gaarii ta’us, wanta godhamuu qabuu fi wanta booda ta’uu danda’u akka barbaachisummaa isaatti duraaf duubaan raawwachuf ogummaa barbaachisa.
Made with FlippingBook Ebook Creator