Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

128 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

dogoggorre mirkaneessuuf qajeelfama qabatamaa ogummaa fi Hafuuraan barbaachisaa ta’e dhiheessa. Kitaabni qajeelfamaa kun gareewwan adeemsa sana keessaan gaggeessa/qajeelcha, kadhannaa, yaada kennuu fi ogummaa irratti xiyyeeffachuun waamicha addaa Waaqayyoo tokkoon tokkoon nama dhuunfaa Waldaa dhaabuu fi garee irratti argachuuf. Waaqeffannaa, seminaara, gilgaalaa, fi waraqaa hojii/ worksheets / giraafiksii, diyaagiraamii fi barruulee hedduu qabuu wajiniin kan guutame, qabeenyi badhaadhaa kun gareewwan waldaa dhaabuu tooftaa humna isaaniif ta’u mirkaneessu akka qopheessaniif humna kenna. Waldaa fayya qabeesa, Mootummaa Waaqayyoo labsitu dhaabuuf, akkasumas sochiiwwan haqa Mootummaa cunqurfamtoota biratti mul’isan akka jalqaban mul’ata Waaqayyo isaaniif kenne wajiiniin kan walsimu akka wixineessan isaan dandeessisuu danda’a. Nu’i waa’ee fedhii fi sochii waldoonni fi dhaabileen waldaa kiristaanaa (denominations) hedduun hawaasa saba keenya keessatti rakkatan keessatti buufataalee Mootummaa Waaqayyoo hundeessuuf qaban lamaanii( fedhii fi soochii) gammadneerra. Kadhannaan keenya qabeenyi kun mul’ata sanaaf gumaacha akka godhu dha. Magaalota Hiyyeeyyii Gidduutti Waldaa Kiristaanaa Dhaabuu: Barreeffama dhaabbii waldaa magaalaa kitaabbilee garaagaraa irraa walitti qabaman, Jildii Tokkoffaa: Ilaalcha Ti’ooloojii fi Misiyooloojii Warra/garee Waldaa dhaabaniif Jildii Tokkoffaan barreffama adda addaa kanneen maaliif fi maaliif akka ta’ee ti’ooloojii ergamaa fi dhaabbii waldaa yaada Macaafa Qulqulluu ta’ee wajjin walqabatan, keessumaa ti’ooloojiin sun ergama wageelaa magaalaa fi dhaabbii waldaa magaalaa, akkasumas guddina waldootaa fi sochii fayya qabeesa qaban akkamitti akka tuqu of keessaa qaba.

Made with FlippingBook Ebook Creator