Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

Jecha dhumaa • 129

Kuusaa/Walitti qabama/ kana keessatti barreeffama gabaabaa (essay) keenya dhaabbii waldaa magaalaa kan akka bu’uuraa Macaafa Qulqulluu fi ti’ooloojiitti gargaare tarkaanfii keenya isa jalqabaa, waldaa dhaabuu hiyyeeyyii magaalaa gidduutti odeeffannoo bu’aa qaban keunnuu isaanii in argattu. Akkasumas, Qajeelfamoota fi Hubannoo Ti’ooloojii fi Ergamaa fi Hubannoowwan qabeenya arreefama ergama wangeelaa magaalaa keessaa, tajaajila hiyyeeyyii fi cunqurfamoota gidduutti, fi dhaabbii waldaa, ti’ooloojiiwwan Macaafa Qulqulluu waldaa Kiristaanaa dabalatee, waldoota hiyyeeyyii tajaajilan gidduutti Duudhaa Guddaa deebifachuu, fi hawaasa tajaajila hin arganne keessatti duuka buutota gochuu keessatti gahee halluu namaa/ adii fi guaracha/, gitaa fi sanyii wajjin walqabatu kan of keessatti hammate dha. Dabalataanis, barreeffami kun arreeffama Yaada (theory) fi hojii qabatamaan hiyyeeyyii magaalaa gidduutti waldoota dhaabuu wajjin walqabatan kan of keessaa qabu yommuu ta’u, waamicha, amala, fi gahumsa nama waldaa dhaabuu irratti xiyyeeffachuun, namni Waaqayyo waamame fi Hafuuraan guutamee ummata magaalattii hiyyeeyyii fi rakkoof saaxilamoo ta’an gidduutti buufataalee Mootummaa Kiristoosiif akka dhaabuuf kan geggeeffame. Hiyyeeyyii Magaalaa keesaa jiraatan Gidduutti Waldaa Kiristaanaa Dhaabuu: Barreeffama dhaabbii waldaa magaalaa kitaabaa garaagaraa irraa walitti qabaman, Jildii Lammaffaa: Leenjiftootaa fi Gareewwaniif Barreeffamaa fi mala ittiin hojii irraa oolchuuf Gargaaran Kuusaa kana keessatti barreeffamoota hedduu kan maalummaa leenjisuu fi gorsuu geggeessitoota waldaa dhaabuu addaa fi gareewwan isaanii akkasumas gosoota dhimmootaa, yaaddoowwanii fi of kennuu gorsitoonni gareewwan waldoota bu’a qabeessa ta’an dhaaban yeroo leenjisan hubachuu fi hojjechuuf barbaachisan ilaalchisee ibsa bal’aa, dirqisiisaa kennuu barbaada.

Made with FlippingBook Ebook Creator