Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition

130 • Qajeelfama Dhaabbii Waldaa

Akkasumas, odeeffannoo waa’ee maallaqaa, hariiroo mootummaa, guddina hoggansa, waldaa ijaaruu, fi sochii waldaa dhaabuu keessatti walhormaataaf meeshaa guutuu dabalatee barreeffamoota adda addaa, giraafii(graph), sanadoota, fi odeeffannoowwan waldaa dhaabuu wajjin walqabatan walitti qabuu of keessatti qabata. Kutaa kana keessatti barreeffamoota addaa baay’ee garee waldaa dhaabaiif , leenjistootaa fi waldaalee hiyyeeyyii gidduutti waldoota fayya qabeessa ta’e dhaabuu barbaadaniif, aadaa garaa garaa ta’aii fi aadaa tokko keessatti, gargaaruuf yaadaman in argattu. Gargaarsi hedduun kun waa’ee maalummaa waldaa tokko dhaabuu, caasaa sochii waldaa dhaabuu fayya qabeessa ta’e uumuu, hoggansa walhormaataaf humna kennuu, fi hiyyeeyyii magaalattii keessa jiran gidduutti Mootummaa Waaqayyoo lallbuu ilaalchisee yaada keessan salphaatti in beeksisa. Barreeffama Biroo Argaman Dhagaa Kana Irratti: Saamuda (sampler) Waldaa Dhaabuu Saamuda fudhataan kun barreeffamoota leenjii dhaabbata ergama kiristaanaa Warld Impaakt (WorldImpact) kan waggoota afurtamaa oliif magaalota Ameerikaa keessatti tajaajilaa ture bakka bu’a (www.worldimpact.org). Hiyyeeyyii magaalaa keessaa wageelli isaan bira hin geenyeef wangeela lallabuu, hidhachiisuu fi humneessuudhaan sochii waldaa dhaabuuf haala mijeessuuf kutannoo cimaa qabna. Kaayyoon Warld Impaaktii (World Impact) Waaqayyoon kabajuu fi ulfina kennuu fi hiyyeeyyii magaalaa keessa jiraatan waldaa hin qabne gidduutti Waaqayyoon beekuu fi isa beeksisuudhaan isa gammachiisu dha. Nu’if, hawaasa hiyyeeyyii magaalaa irratti dhiibbaa uumuu fi jijjiiruuf mala saffisaa, bu’a qabeessaa fi humna guddaa qabu, waldoota fayya qabeessa Kiristoos giddu galeessa godhatan bakka ifni fi jireenyi Yesus Kiristoos itti labsamee fi agarsiifamu akka hundi argu dhaabuudha. Amantiin keenya karaa waldoota

Made with FlippingBook Ebook Creator