Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Jecha dhumaa • 131
fayya qabeessa ta’anii hiyyeeyyii gidduutti dhaabuudhaan Hafuurri Qulqulluun humna jijjiiruu isaa miseensota naannoo kanaa keessaa fi karaa isaanii in agarsiisa. Abdiin keenya Saamudi(sampler) kun fedhii barreeffamoota dhandhamaa qofa irraa gara barreeffamoota guutuu qabatamaa kanneen onlaayinii keenya (www.tumientree.com) irraa isiniif dhiyaatanitti akka ce’an isin kakaasa. Barreeffamoota adda addaa kana dubbisuun miira Ergamni Guddaan hiyyeeyyii magaalaa addunyaa biratti raawwatamuu isaa arguuf kutannoo qabnu, fi kana galmaan ga’uuf maaltu nu barbaachisa jennee amannu akka isinitti dhaga’amu abdii qabna. Bakka Bu’uuf Mijachuu: Wal ga’ii Mul’ata Duuka Bu’ummaa. Kiristoosii fi Mootummaa Isaa Bakka Buʼuuf Mijatoodhaa? Ergamni Guddaan Gooftaa keenya Yesus saba hundumaa, jechuun, namoota hundumaa gidduutti garee maatii dhala namaa duuka buutota akka goonu nu abboom/ajaja. Abboommii isaa isa guddaa raawwachuuf jaarraa 21ffaa keessa duuka bu’aa, duuka buutuu Barsiisaa keenya Yesus ta’uun maal jechuu akka ta’e hubachuu qabna. Wal ga’iin Mul’ata Duuka Bu’ummaa tattaaffii dhaabbata Tajaajila Magaalaa dhaloota haaraa hojetoota hafuuraa ga’oo ta’an, Kirstoosii fi Waldaa kiristaanaaf jedhanii namoota biroo irratti fedhii gatii baasuu qaban kaasuuf yaaliin godhudha. Kitaabni qajeelfamaa kun barreeffama marii hirmaattoota Seminaarichaa gidduutti taasifamu qajeelchu bakka bu’a. Wal ga’iin hafuuraa fi rakkisoo ta’an kun barattoota waamicha Gooftaan keenya duuka buutota ta’uu fi gochuu dura dhaabbachuuf, jireenya Kirstosii fi waldaa isaatiif jiraate hammachuudhaaf, akkasumas Warld Impaakti(WorldImpact) wajjiin humna walitti fiduun magaalota Ameerikaa keessaa fi addunyaatti haaromsa dhufu arguuf kan qophaa’aniidha. Kitaabni qajeelfamni Wal ga’ii Mul’ata Duuka Bu’ummaa kun adeemsaa fi yaada jireenya kee namoota biroof haala firiin
Made with FlippingBook Ebook Creator