Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Seensa • 3
Bu’uura Macaafa Qulqulluu Dhaabbii Waldaa Luba Teed Ismiiz
Gooftaan Waldaa isaa, yeroo baay’ee “waldaa Waliigalaa” 1 fi Gooftaan mataan isaa “dura ta’aa dhgnichaa, Waldaa” ( Qol. 1:18) jedhame isa beekamu, akka dhaabu Macaafi Qulquluun ( Maat. 16: 18) ifa godhee kaa’eera Kanaaf, carraaqqiin waldaa dhaabuu hundinuu kallattiidhaan aangooo fi abboommii Kirstos, command of Christ to “Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” isaaniin jedhe (Maatewos 28:19 20)” Garuu immoo amma iyyuu har’a baay’een warri waldaa dhaabuudhaaf carraaqan “Waldaa dabalataa dhaabuun maaliif nu barbaachisa? Ameerikaa bakka hundummaa waldaan jira” mormii jedhu dhgaa’un beekamadha.” Guutumma biyya keenyaa keessaa waldaa baay’eetu jira. Waldaa dabbalataa maaliif barbaanna? Dhiibbaan seexanaa “biyyaa lafaa keessatti” (kufaatii namaa kaasee Uum. 3:1-15) Macaafa Qulqulluu keessatti beekama dha. Akka Yesus isaan “bulchaa biyya lafaa kanaa” ittiin jedhe Yoha. 12:31). Paaulos immoo “bulchaan qilleensicjhaa …hafuurri abbomamuu diduu” Efe.2:2) fi waaaqa bara kanaa (biyya lafaa)” 2 Qoro. 4:4). Yohanis akka barreesse, “biyyi lafaa gutuummaan to’annoo hammeenyaa jala jira” 1Yoha. 5:19). Ifa gochuudhaaf, seexanni Waaqayyoo wajjin wal qixa mitti. Inni waan hundumaa hin danda’u Yesusii wajiinis kan wall gitu miti.
1 Ecclesia Universalis Laatiin irraa Waldaa Addunyaa hundaa eeruudhaan.
Made with FlippingBook Ebook Creator