Qajeelfama Dhaabbii Waldaa: Church PLANT Manual, Oromo Edition
Gilgaala Garee: Qopheessu • 33
Gilgaala 2 Duudhaalee fi Mul’ata Ibsuu 1
Gareen keessan duudhalee fi mul’ata waldaa kiristaanaa keessanii haala ifaa ta’een ibsuu isin barbaachisa
Qajeelfama Gigaala Garee xumuri: Dudhaalee/mul’ata Ibsuu. 1. Tokkoon tokkoon miseensa garee tarree armaan gadii keessaa duudhaalee 7 filatee sadarkaan kaa’uu qaba. 2. Akka isaan irratti yaadanii duudhaalee ijoo garee sanaa murteessaniif, akka gareetti tarree nama hunda irratti mari’adhaa. a. Gareen keessan duudhaalee wal fakkaatan kamiin gamtaan qabu ? b. Kanneen tarreeffaman dabalatee, duudhaaleen garee keessaniif barbaachisoo ta’an jiruu? c. Tarree duudhalee ijoo 5 waldaa dhaaabuuf si geggeessan qopheessi/uumi. 3. Duudhaalee ijoo keessanii irratti hundaa’uun ibsa mul’ata waldaa keessanii qopheessaa. a. Waggaa 5 booda waldaa eessatti argitu? b. “Milkaa’inni” maal fakkaata? c. Afaan keessoo fi alaa keessa garaagarummaa attamiitu jiraachuu qaba?
1 Gilgaala Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu, Ripe for Harvest , fuula 95-102 irraa kan fudhatame.
Made with FlippingBook Ebook Creator